Gaaddisa Obbolummaa - Mohammed Abaoli - Libros -  - 9781696448970 - 29 de septiembre de 2019
En caso de que portada y título no coincidan, el título será el correcto

Gaaddisa Obbolummaa

Precio
$ 35,49
sin IVA

Pedido desde almacén remoto

Entrega prevista 16 de jun. - 3 de jul.
Añadir a tu lista de deseos de iMusic

Namni toltuus tahee hamtuu dalaguuf yommuu ol aggaamu, hammuma fahmii (hubannoo) sammuun isaa fudhachuu dandeesseen aggaammii isaa raawwata. Wanti Rabbi nu uumeef bilisaan lafa kanarra jiraannee tokkummaadhaan isa tokkoomsinee isa qofa akka gabbarruuf ture. Rabbi ilma namaa tokkollee gabrummaa keessatti hin uumne, hundumaayyuu bilisa taasisee amantaa Islaamummaa daandii tokkicha irratti uume. Garuu ilmi namaa erga dhalatee booddee sababa adda addaatiinis haa ta'uu (dhiibbaa maatiitiin, dhimma dhuunfaatiin akkasumas dhimma hawaasa naannootiin) daandii jalqabaa irraa maqee garuma fedhe ykn immoo garuma dhiibbaan isa itti jallisetti duufee, jallatee guddata. Jallinni isaa kunis darbee daddarbee dhaloota jajallisuudhaf sababa guddaa ta'ee bakka, yeroo fi haala baay'ee keessatti mul'ata. Seenaan nama hin satartu/ hin dhoksitu; wantuma hardha dalagnee dabarsineen, boris maqaan keenya kaha malee. Seenaan nama badaa dalage gaariidhaan hin galmeessitu; kan gaarii dalages badiidhaan hin galmeessitu. Soba wanti jedhamu seenaa keessa hin jiru; sobni seenaas tahuu hin dandahu. Kan seenaa sobsiisuu barbaadus yoo jiraate, akka jibicha gaara guddaa dhiibuu taheetuma of dadhabsiisaa oolee yeroon itti darbiti malee. Achi qabee as qabee yommuun ilaalu waan lamatu natti mul'ata; inni tokko Obbolummaa walii irraanfachuu keenya; inni biraa immoo moototni biyyas tahee adduunyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiranu fedha walitti qabanii ummata irratti moo'uu malee ummataaf moo'uu akkasumas tarsiimoo ittiin bulchanu kan hin qabne tahuu jaraati. Yeroo hedduu wanti adduunyaa kana mudatu, namoonni yeroo hunda carraa barcuma yaabuu argatanu, irra caalaan isaanii gahumsaa fi beekumsa bakka isaan jiranuuf malu akka hin qabnedha. Namni gahumsa hin qabnemmoo sodaa waan qabaatuuf hojiin isaa badiitti caala; dhara nama irratti dalaguu, carraa argate hundaan obboleewwan isaa miidhuu fi balleessuu taha. Kanaaf dhalli namaa waan isaaf malu hunda akka argatuuf; jireenya isaaf malu akka jiraatuuf jecha adeemsaa fi galma keenya tolfannee gara fuulduraatti deemuun dirqama nurraa eegamudha. Adeemsi galma keenya ittiin geenyu kun immoo yoo obbolummaan dhugaa jiraate qofa galma gahuu dandaha waan taheef obbolummaa keenya fakkenyota dhaloota duraanii irraa arganneen tikfachuun dirqama nuti bahachuu qabnudha. Obbolummaa yeroo jennuu, waliin dhalachuu, afaan tokko dubbachuu ykn biyya tokko tahuu fi mana tokko keessatti guddachuu; akkasumas fakkeenyummaa bifaa fi qabeenyaatiin osoo hin tahiin, obbolummaa akka isii seenaa Islaamaa keessatti nuuf kaayamtee sanatu nuuf barbaachisa. Waliin dhalachuun qofti obbolaa nama gochuu akka hin dandeenye ilmaan nama yeroo jalqabaatiif ardii kana irratti Aadamii fi Hawwaa irraa dhalatan lameen Qaabilii fi Haabil yeroo faayidaa dhuunfaaf jecha obbolummaa isaanii dagatanii wal ajjeesan sana nu barsiisani.

Medios de comunicación Libros     Paperback Book   (Libro con tapa blanda y lomo encolado)
Publicado 29 de septiembre de 2019
ISBN13 9781696448970
Páginas 276
Dimensiones 140 × 216 × 16 mm   ·   353 g
Lengua Afrikaans  

Mas por Mohammed Abaoli

Mostrar todo